Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Hisqiʼeel 35

Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame

Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha. Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beekta.

“ ‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite; kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta. Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu. Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.

“ ‘Sababii ati, “Rabbii Allaahan achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna” jetteef, ani jiraataadhaatii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa. Ergasiis akka ani Rabbii Allaahan wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, “Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru” jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta. Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera. Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa. Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’ ”

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.