Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
1 Tasaloniiqee 1
Nagaa Gaafachuu
Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Allaah Abbaatii fi kan Goofticha Iisaa Al-Masiihii taateetti:
Ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.
Amantii Warra Tasaloniiqeetiif Galateeffachuu
Nu duʼaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Allaah ni galateeffanna. Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti qabdan sana Allaah keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
Yaa obboloota Allaahan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii; injiilli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu. Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu. Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan. Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Allaahatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu; isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Allaah jiraataa fi Allaah dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqeffatamtoota tolfamoo irraa gara Allaahatti deebitanis ni himu; akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Iisaa isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka shamaayʼun irraa eeggattan ni himu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.