Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

1 Saamuʼeel 27

Daawud Filisxeemota Keessa Jiraate

Daawud garuu akkana jedhee yaade; “Guyyoota kanneen keessaa gaafa tokko ani harka Saaʼoliin nan ajjeefama. Wanni ani gochuu qabu guddaan gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu dha. Ergasiis Saaʼol guutummaa biyya Israaʼel keessa na barbaaduu ni dhiisa; anis harka isaa jalaa nan baʼa.”

Kanaafuu Daawud namoota dhibba jaʼaan isa wajjin turan wajjin kaʼee Aakiish mooticha Gaati, ilma Maaʼooki bira dhaqe. Daawudii fi namoonni isaa Gaati keessa Aakiish bira turan. Tokkoon tokkoon namaas maatii isaa wajjin ture; Daawudis niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam kan lammii Yizriʼeelii fi Abiigayiil lammii Qarmeloos kan niitii Naabaal turte sana wajjin ture. Saaʼolis yommuu akka Daawud gara Gaatitti baqate dhagaʼetti isa barbaaduu dhiise.

Daawudis Aakiishiin, “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, akka ani achi jiraadhuuf magaalaawwan biyyattii keessaa magaalaa tokko keessatti iddoon naaf haa kennamu. Garbichi kee maaliif si wajjin magaalaa mootii keessa jiraata?” jedhe.

Akkasiin Aakiish gaafuma sana Siiqlaagin isaaf kenne; magaalattiinis gaafasii jalqabdee kan mootota Yihuudaa taate. Daawudis waggaa tokkoo fi jiʼa afur biyya Filisxeemotaa jiraate.

Yeroo sanattis Daawudii fi namoonni isaa kaʼanii Geshuurota, Girzootaa fi Amaaleqoota weeraran. Namoonni kunneen bara duriitii jalqabanii biyya Shuuri kan hamma Gibxitti balʼatu keessa jiraachaa turan. Daawud yeroo biyya sana lole hunda dhiira yookaan dubartii tokko illee lubbuun hin hambifne; garuu hoolotaa fi loon, harrootaa fi gaalawwan akkasumas uffata fudhatee gara Aakiishitti deebiʼe.

Yeroo Aakiish, “Harʼa eenyun weerartan?” jedhee gaafatetti, Daawud, “Negeeb Yihuudaa” yookaan “Negeeb Yeramiʼeelotaa” yookaan “Negeeb Qeenotaa” jedhe. Daawudis, “Waan isaan, ‘Wanni Daawud godhe kana dha’ jedhanii nurratti odeessan” jedhee yaadeef akka dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu Gaatitti geeffamaniif lubbuun hin hambifne. Wanni inni yeroo biyya Filisxeem keessa jiraate hunda hojjetes kanuma ture. Aakiishis waan, “Inni saba isaa Israaʼel biratti jibbamaa of godheera; kanaafuu bara baraan garbicha koo taʼa” jedhee yaadeef Daawudin ni amane.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.