Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
1 Yohannis 1
Dubbii Jireenyaa
Nu waaʼee Dubbii1 jireenyaa kan jalqabaa kaasee ture, kan dhageenye, kan ija keenyaan argine, kan ilaallee fi kan harki keenyas qaqqabe kana labsina. Jireenyi mulʼateera; nus isa argineerra; dhugaas ni baanaaf; nu jireenya bara baraa isa Abbaa wajjin turee fi isa nutti mulʼate sana isinitti labsina. Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Iisaa Al-Masiihi wajjin. Nus akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf waan kana barreessina.
Ifaa fi Dukkana
Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Allaahan ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha. Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu. Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Iisaa cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
Cubbuu fi Dhiifama
Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru. Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa. Nu yoo cubbuu hin hojjennee jenne immoo sobduu isa goona; dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
Source notes (1)
- Footnote Dubbii – dubbiin kun dubbii Allaaha kan addunyaan ittiin uumamtee jiraatuu dha; dubbichi eenyummaa Allaaha mulʼisa; fedhii isaa, ogummaa fi humna isaas ni ibsa. Dubbiin kun Iisaa Al-Masiihiin foon taʼe.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.