Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
1 Seenaa 25
Faarfattoota
Daawud ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
Ilmaan Asaaf keessaa:
Zakuur, Yuusuf, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.
Ilmaan Yeduutuun keessaa:
Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Rabbii Allaah galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.
Ilmaan Heemaan keessaa:
Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti. Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Allaahan abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Allaahanis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Allaaha keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan.
Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan. Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Rabbii Allaahaf faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan. Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yuusufiif, // ilmaan Yuusufiitii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaaniis kudha lama turan
lammaffaan Gedaaliyaasiif, // isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
sadaffaan Zakuuriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
afuraffaan Izriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
shanaffaan Naataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
jaʼaffaan Bukiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
torbaffaan Yishiriʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
saddeettaffaan Yashaayaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
saglaffaan Mataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kurnaffaan Shimeʼiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha lammaffaan Hashabiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha afuraffaan Matiitiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha shanaffaan Yereemootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
kudha saddeettaffaan Hanaaniif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
kudha saglaffaan Malootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
digdammaffaan Eliyaataaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
digdamii tokkoffaan Hootiiriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
digdamii lammaffaan Gidaltiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.