Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 76

Injifatiisa Waaqaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;

Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.

Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;

addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.

Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,

wontee, shallaaga'aa fi

meya woraanaa mara caccasse.

Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!

Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.

Worri jannooti saamamanee,

akka malee rafaneeran;

isaan keessaa tokkolle,

harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.

Ee Waaqa Yaaqoobii,

xixicha keetiin

abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.

Ati ammoo sodaatama'a;

yennaa aariin teeti kaate,

eentu si dura dhaabbatuu dande'a?

Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;

biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.

Ee Waaqa,

worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,

yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,

biyyi lafaa cadhitte.

Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,

kolbaan si leellifatti;

worri mufii teeti irraa hafe

waan hantuu hujiisa hin lakkisa.

Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif

waadaa gala'a;

waan waadaa galtane san muummessa'a.

Worri lafa adaala isaa jiru marti

ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.

Inni qondaaltota kooranu gad qaba;

mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.