Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 75

Waaqi Abbaa Mura'aa Ti

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.

Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna;

maqaan keeti dhikoo waan jiruuf,

nuuti si galateeffanna;

kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti.

Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera;

ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna.

Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu,

utubaa isi'ii ka jabeessu ana.

Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!›

Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a!

Gaafa keessan gara ol-gubba'aa

ol hin togina'a!

Morma yaafattanee

hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta.

Ulfinni baya adu'uu irraa,

yookiin seensa adu'uu irraa,

yookiin goomolee keessaa hin dhufu.

Muraa ka kennu ammoo Waaqa;

inni tokko gadi qabee,

kaan ol hin qaba.

Mootiin Waan Maraa

muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii

hoomachoottuu harkaa qaba;

inni gad isii cossa;

worri hamaaleyyiin lafaa marti,

cingifatanee unan.

Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba;

Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa.

Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa;

hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.