Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 77

Daadimata Jajjabeessiisaa

Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.

Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya;

akka inni naaf dhage'u,

qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.

Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe;

halkan guutuu harka kiyya diriirse;

te'uu malee ani hin jajjabaanne.

Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada;

yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.

Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite;

haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.

Ani marroo bara durii yaade;

woggoota durii durii qaabadhe.

Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe;

ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,

«Goottaan haga bara baraa nu hin gataa?

Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?

Jaalalli isaa ka bara baraa,

haga bara baraa dhumatee?

Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?

Waaqi marartii dedhee?

Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.

Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa

waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;

bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.

Ani marroo hujii teetii mara hin heda;

hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.

Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha;

waaqota keessaa

guddaan akka Waaqa keennaa eennu?

Ati Waaqa bilbaasa huju;

ati gosa biyya adda addaa oddu'utti

hunna teeti mudhitteerta.

Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii,

hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.

Ee Waaqa bisaan hedduun

si dhagganee sodaatane;

qileen abbaaya'aalle raafante.

Duumensi bisaan gad coccosse;

gubbaa irraa mandiisuun mandiite.

Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.

Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante;

balaqqeettiin biyya lafaa issite;

latti rommitee tachoote.

Abbaayaa keessa karaa,

bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte;

faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.

Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin

akka nama hoolee tissuu

ati kolbaa teeti sooressite.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.