Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 41

Daadimata Yennaa Dhibe'ee

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

Nami worra hiyyeeyyi'iif yaadu ka gammade;

guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa.

Mootiin Waan Maraa isa hin eega;

jiruulle'een isa hin leesisa;

inni lafa irratti isa hin gammachiisa;

halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu.

Taqee inni dhibamee irra jiru irratti

Mootiin Waan Maraa isa hin qarqaara;

fayyisee taqee dhibo'oo irraa isa hin kaasa.

Ani akka kiyyatti, «Ee Mootii Waan Maraa,

ani waan si yakkeef,

na marariitii, dhibee irraa na fayyisi» jedheera.

Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatanee

«Inni yoom du'a?

Maqaan isaa yoom bada?» jedhan.

Worri na ilaaliisaaf dhufu,

dubbii sobaa haasowan;

gadhaa ifiititti waan hantuu qabatanee,

yennaa gad bayane, isii odeessan.

Worri na jibbu marti

marroo tiyya wolitti hasaasan;

isaan waan hantuu na irratti yaadaa,

«Dhukkubi hamaan isa qabeera;

inni addee irkate sanii deebi'ee hin ka'u» jedhan.

Jaalli kiyya ka natti dhikaatuuyyuu,

ka ani itti addadhu,

ka sagalee na woliin nyaate, na irratti ka'eera.

Ee Mootii Waan Maraa, ati na marari;

diinota kiyya akka ani haluu bayu,

dhibee tiyya irraa ol na kaasi.

Diinoti kiyya injifachaa na irratti waan hin dhaggatiniif,

akka ati natti gammadde ani tanaan beeka.

Sababa dhugaamessummaa tiyyaatiif,

ati na hin qarqaarta;

fuula keeti dura haga bara baraa na hin jiraachitta.

Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii

bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti!

Ameen! Ameen!

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.