Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 129
Daadimata Diinota Xiyoonii Irratti Dhikaate
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Kolbaan Israa'elii,
«Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,
diinoti guddoo na rakkisaneeran;
«Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,
guddoo na rakkisaneeran;
te'uu malee na hin injifanne.
Akka nama fichaa qotuu
dudda kiyya babbassanee,
babadhisanee dudda kiyya madeessane.
Mootiin Waan Maraa ammoo balcha'a;
inni wodaroo worra hama'aa
na irraa kuteera» jettuu ti.
Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee,
gara duubaa deebi'uu ti.
Akka marra mana irratti latee,
adoo hin guddatin qooruu te'anuu ti;
marri sun qabaa harka nama isa haamuu,
yookiin hanqafoo isaa hin guutu.
Worri achiin dabaru,
«Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te'uu ti!
Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin
isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.