Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 130
Faaruu Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaatte
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Ee Mootii Waan Maan Maraa,
ani qilee keessaa gara keeti iyya;
Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i!
Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati adoo yakkaa namatti laakkottee,
ee Gootta'a silaa eennutti
si dura dhaabbatuu dande'a?
Ammoo akka nuuti si sodaannuuf,
ati nu'uuf araaranta.
Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi'iin jecha isaa eegadha.
Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
Jaalalli bara baraa
Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf,
wodiisaaf hunni guddoolle
isa bira waan jirtuuf,
ee Israa'el, Mootii Waan Maraatitti
addii godhadhu.
Inni yakkaa isi'ii mara irraa
Israa'el hin woda.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.