Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 12

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

Ee Mootii Waan Maraa,

nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef,

nu qarqaar;

nami addatamaan

ilmaan namaa oddu'uu dhabameera.

Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan;

Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan.

Mootiin Waan Maraa

hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.

Isaan, «Nuuti dubbannee

waan feene hin dhagganna;

waan feene hin dubbanna;

ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan.

Mootiin Waan Maraa ammoo,

«Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef,

worri rakkataan waan iyyuuf,

qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf

ani hin ka'a» jedha.

Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u;

akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee

yennaa torba qulloottee ti.

Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita;

dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda.

Yennaa wonni hantuun saadantu

nami marti waan hantuu jaalata.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.