Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 13
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati haga yoomii na deeta?
Haga bara baraa tii?
Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta?
Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha?
Haga yoomii gadhaan kiyya
halkanii fi guyyaa gaddaan guutama?
Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan?
Ee Mootii Waan Maraa,
Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi.
Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi;
akka du'u na hin godhin.
Diinoti kiyya,
«Isa injifanne» jedhanee akka kooranu,
nyaapholeen kiyyalle
jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin.
Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera;
gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.
Mootiin Waan Maraa
waan dansaa waan naa godheef,
ani isaaf hin faarfadha.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.