Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 11
Waaqatti Addatiisa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera.
Isin attam anaan,
«Akka simbirre'ee
gara gaara keetii baqadhu!» jettan?
Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera;
dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf,
daaya ifii itti qajeelfateera.
Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde,
nami balchaan maan godhuu dande'a ree?
Mootiin Waan Maraa
Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira;
ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba.
Inni ilmaan namaa ilaala;
ilti isaalle isaan qorqorti.
Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala;
hamaaleyyi'ii fi
worra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba.
Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti
kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa;
qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a.
Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef,
inni hujii balchootaa hin jaalata;
worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.