Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 113
Waaqa Qarqaaraa Worra Hiyyeeyyi'ii
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Ammaa jalqabee haga bara baraa,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
Mootiin Waan Maraa
gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a;
ulfinni isaa ol-gubbaa caala.
Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa,
Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u,
ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu?
Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa;
worra rakkataalle
tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha.
Inni qondaaltota woliin,
qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.
Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee,
gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.