Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 114

Faaruu Yaadannoo Irra Dabaramaa

Yennaa Israa'el, sanyiin Yaaqoobii,

gosa afaan ormaa dubbattu,

biyya Gibxi'ii keessaa baate,

Yihudaan addee woyyittii Waaqaa,

Israa'elille bulchiisa isaa jala teete.

Abbaayaan dhaggitee baqatte;

lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi'e.

Gaaroti akka korbeeyyii hoole'ee,

koobotille akka ilmoolee hoole'ee burraaqane.

Ee abbaaya'a, ati maaf baqatte?

Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite?

Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole'ee,

ee koobota,

isin maaf akka ilmoolee hoole'ee burraaxxane?

Ee lafa, Goottaa duratti,

fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu!

Inni rassaa gara baleessaatitti,

rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.