Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 112

Gammada Nama Balcha'aa

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti;

nami Mootii Waan Maraa sodaatu,

ka ajaja isaatiin guddoo gammadu

ka gammade.

Sanyiin isaa lafa san keessatti

worra jabaa hin te'an;

dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti.

Manni isaa taajurumma'aa fi

durumma'aan hin guutama;

balchummaan isaaniille

haga bara baraa hin jiraatti.

Nama arja'aa, nama marara'aa fi,

nama balcha'aafille,

dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya.

Nama arjaa, liqaa namaaf kennu

wonni dansaan isaaf hin teeti.

Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu;

nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama.

Inni oduu hantuu hin sodaatu;

Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf,

gadhaan isaa hin mamu.

Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu;

dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga.

Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna;

balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti.

Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama.

Nami hamaan tana dhaggee hin aara;

inni ilkaan ifii qaree, hin bada;

halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.