Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 111

Leellisa Hujii Maade'ee Mootii Waan Maraatiif Dhikaate

Mootii Waan Maraa Leellisa'a!

Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti,

gadhaa tokkochaan

ani Mootii Waan Maraa hin saadadha!

Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o;

worri hujii guddoo saniin gammadu marti

isii hubatiisa barbaada.

Wonni inni huje marti

ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti;

balchummaan isaalle

haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.

Mootiin Waan Maraa

hujii ifii akka qaabatantu godhe;

inni arja'a; mararaalle'e.

Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna;

haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata.

Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan,

hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera.

Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa;

seerri isaa marti addatama'a.

Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee,

addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera.

Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge;

gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje;

maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e.

Qarummaan jalqabaa

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;

kolbaan haga bara baraa

Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.