Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Naahomii Raagichaa 3

Nanawwe'eef Aanne'e

Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu,

ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame,

ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e!

Worcaqqeessi1 liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo,

hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa,

hin dhage'ama!

Abbootiin fardaa hin gulufan,

shallaagaan isaanii hin billiccisa,

woraanni isaanii hin calaqqisa;

nami hedduun waan ijjeefameef,

reeffi tuulameera;

reeffi hedduu waan te'eef,

gufuu isaanitti te'eera!

Ati ta xanoo xantu,

ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete;

ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee,

xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte.

Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade,

«Nanawwe'e, ani si morma;

uffana keeti si irraa shooqee2 fuula keetitti buqa3;

gosi marti qullaa keeti,

mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha.

«Ani huura4 sitti gata,

si tuffadha5,

akka si daaw'atanulle godha.

«Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa,

‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan;

ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe.

Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii6,

ka laga Nayilii7 biraa,

ka bisaan marseeru,

ka kaabiin isaa abbaaya'aa,

ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa?

Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii8 fi Gibxi'ii

ta haga hin qanneen eegameera;

Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti.

Te'uu malee worri Tebesii qabamanee,

booji'amaneeran;

daa'immaan isaaniille

woldeennaa kara'aa mara irratti,

dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran;

qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran;

worri gugurdaan Tebesii marti

wodaroo sibiilaatiin hidhaman.

Nanawwe'e, atille hin machootta,

gara dhokaataa hin ideenta;

diina duraa addee itti baqattu

hin barbaaddatta.

Kusheen teeti mara akka muka harru'uu

ka midhaan qara bilchaatee ti.

Yoo hargufame,

afaan worra nyaatuu keessa harca'a.

Loltoota teeti ilaali;

isaan akka dubarti'ii ti.

Balbalti biyya teetii

diinota keetiif badhattee bananteerti;

danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera.

Diinaan waan marfantuuf,

bisaan woraabbadhu,

kushee teeti jabeeffadhu;

biyyee faaraa sukkuumii,

dhiitii qopheessii,

faara loobame huji!

Achitti ibiddaan gubata;

shallaagaalle'een kukkutanta.

Ibiddi akka awwaannisaa si fixa.

Akka awwaannisaatii fi

akka korophiisaa horuma hori!

Ati urjoota gubba'aa caalaa,

daldaltoota teeti fakkanfatteerta.

Isaan akka awwaannisaa

biyya qorranee ka'anee badan.

Eeddoti teeti akka korophiisaa ti;

qondaaltoti teeti akka korophiisa

Guyyaa qabbanaa

dalleya irratti heechatee ti.

Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema;

gara inni dhaqe eennuulle hin beeku.

Ee mootii Asoorii,

eeddoti teeti muganeeran;

qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran.

Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti;

nami isaan wolitti qabulle hin jiru.

Miidhama keeti nami goomsu hin jiru;

madaan teeti hin fayyitu.

Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti

gammadaan harka dhowa.

Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne

jalaa bayeeru jiraa ree?

Source notes (8)
  1. Footnote Worcaqqeessi: Yookiin dhuqaasi
  2. Footnote Shooqee: Saaqe.
  3. Footnote Buqa: Yookiin uffis.
  4. Footnote Huura: Xuri.
  5. Footnote Tuffadha: Malch.
  6. Footnote Tebes: Amma Amooni jedhama; qachaa guddaa kaaba biyya Gibxi'ii jiru.
  7. Footnote Nayili: Itoophiyaa keessatti Abbayi jedhama.
  8. Footnote Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.