Skip to content
BibleKenya

Miikiyaasii Raagichaa

Micah

Introduction from this edition

Kitaaba Miikiyaasii Raagichaa

Seensa

Raagichi Miikiyaas baruma raagichi Isaayaas jiru raagicha jiru yoo te'u, inni mootummaa kibbaa ta Yihuda'aa, nama qachaa baadiyyaa keessaa tokkoo ti. Akkuma raagichi Amos mootummaa kaabaa irratti badiin akka dhaqqaddu raage, raagichi Miikiyaasille sababuma saniin, mootummaa kibbaa irralle'etti badiin akka dhaqqaddu raage; muraa haqaa kennuu dhabiisa isaaniitiif, Waaqi muraa akka fidu ifi eeggachiise; te'uu malee, raagi Miikiyaasii addii gara duraatiif beessisa guddaa irra caalaa ifa te'e qaba.

Keessattuu kutaan xiyyeeffannaan itti kennamuu barbaachisu, nageenni biyya lafaa maraa, baallii Waaqaatiin jala akka jiruu (4:1-4), maatii sanyii Daawitii keessaa, mootiin guddaan akka dhufuu fi kolba'aaf nageya akka kennu (5:2-5), akkasuma wonni raagoti Israa'elii dubbatteertu marti hima tokkocha keessatti akka wolitti qabame hima. Himi sunille,

«Wonni inni nu irraa barbaadu kana: waan haqa te'e akka hunyu, jaalala dhuma hin qanne akka mudhinnuu fi gad jennee tokkumma'aan Waaqa keenna woliin akka leenu» jedha (6:8).

Haadhoo Dubbi'ii

Muraa Israa'elii fi Yihudaa Irratti Murantu

Adde'etti Deebi'iisaa fi Nageya

Ergaa Ifi Eeggachiisiisaatii fi Addi'ii

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.