Skip to content
BibleKenya

Wongeela Maatewoosii

Matthew

Introduction from this edition

Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii

Ka Maatewoos Barreesse

Seensa

Wongeelli Maatewoosii: Yesuus fayyisaa dhufiis isaa duraanuu waadaan galame akka te'ee fi Waaqi Gondooroo Qaraa keessatti kolbaa ifiitiif gale karaa isaatiin akka muummesse Oduu Gammadaa odeessa. Oduun Gammadaa tun worra Yesuus odduu isaaniititti dhalatee guddate, Yihudoota qofaaf adoo hin te'in, biyya lafaa duudi'iif teeti.

Wongeelli Maatewoosii ifi eegganna'aan kitaaba qophoweeru. Dhaloota Yesuusiitiin jalqabee, cuuphama isaatii fi ataabama isaa, achiin duuba Galiilaa keessatti tajaajila lallaba isaa, barsiisiisaa fi fayyisiisa isaa issa. Kanaan duuba deemmaa Yesuus Galiilaa irraa gara Yerusaalemii deemee fi torbaan Yesuusii ta dhumarraa keessatti waan te'e galmeessee, fannifamiisaa fi ka'iisa isaatiin fixa.

Wongeelli kun akka barsiisaa gudda'aa, ka Seera Waaqaa hiikiisaaf baallii qabuu, ka marroo mootummaa Waaqaalle barsiisuutitti Yesuus dhikeessa. Barsiisi isaa bacaan ka marroo waan adda addaa, addee shanitti wolitti qabama:

1. Lallaba gaara irraa, ka amala, hujii, haqaa fi hiree muumme'ee ta worra mootummaa ol-gubba'aa ilaalu (foora 5-7).

2. Barattooti kudhanii lama Wongeela lallabiisaaf yennaa wolitti qabamane qajeelfama kenname (foora 10).

3. Mammaassa adda addaa ka marroo mootummaa Waaqaatiif dhikaate (foora 13).

4. Barnoota hiikkaa barattumma'aa himu (foora 18).

5. Marroo muummee bara ammaatii fi dhufiisa mootummaa ol-gubba'aa barsiisa kenname (foora 24-25).

Haadhoo Dubbi'ii

Hiddaa Fi Dhaloota Yesuus Kiristoosii

Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa

Cuuphamaa fi ataabama Yesuusii

Tajaajila Yesuus Galiilaa keessatti ifatti tajaajile

Galiilaa irraa gara Yerusaalemii

Torbaan dhumaa irratti Yerusaalem keessaa fi adaalatti

Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.