Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Wongeela Maatewoosii 4

Ataabamuu Yesuusii

(Mar. 1:12-13; Luq. 4:1-13)

Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole'ee geesse.1 Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote.2 Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhee deebise.

Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi,

«‹Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne,

akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf,

ergantoota ifii hin erga› waan jedhuuf,

Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.

Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, « ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.

Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba'atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee, «Gad jiddee yoo naaf sagadde, waan kana maraa si'iif hin kenna» jedheen.

Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen.

Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane.

Yesuus Galiila'atti Hujii jalqabe

(Mar. 1:14-15; Luq. 4:14-15)

Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage'e, gara Galiila'aa deebi'e.3 Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahoom keessa le'e.4 Wonni Isaayaasiin raagichi raagee,

«Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii,

Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya'aa geessu gubbaa jirtu,

Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te'inii!

Kolbaan dukkana keessa leete,

ifa guddaa dhaggite.

Worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf,

ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.5

Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi'a'a!» jedhee lallabiisa jalqabe.6

Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame

(Mar. 1:16-20; Luq. 5:1-11)

Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo7 abbaaya'atti afanuun dhagge. Yesuus isaaniin, «Na hordofa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane.

Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti8 jiraniiyyu. Yesuus isaan waame; isaanille yennuma san hobolo'oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane.

Barsiisiisa, Lallabiisaa Fi Fayyisiisa Yesuusii

(Luq. 6:17-19)

Yesuus manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme.9 Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise. Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle'ee isa hordofane.

Source notes (9)
  1. Cross-reference Ibr. 2:18; 4:15
  2. Cross-reference Bay. 34:2; 1 Mot. 19:8
  3. Cross-reference Mat. 14:3; Mar. 6:17; Luq. 3:19-20
  4. Cross-reference Yoh. 2:12
  5. Cross-reference Isa. 9:1-2
  6. Cross-reference Mat. 3:2
  7. Footnote Caccoo: Waan qurxummi'iin guuranu
  8. Footnote Subbiisatti: Midhaaffatiisatti, qopheeffatiisatti
  9. Cross-reference Mat. 9:35; Mar. 1:39

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.