Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Wongeela Maatewoosii 28

Yesuus Du'aa Ka'e

(Mar. 6:1-10; Luq. 24:1-12; Yoh. 20:1-10)

Sanbati dabareen duuba, Dilbata1 barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti. Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee2 akka nama du'ee te'ane.

Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a. Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.

Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.

Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane. Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, «Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a. Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen. Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.

Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate

(Mar. 16:14-18; Luq. 24:36-49; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8)

Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.3 Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti. Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a.4 Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

Source notes (4)
  1. Footnote Dilbata: Guyyaa jalqaba torbaanii
  2. Footnote Hollatanee: Rommanee
  3. Cross-reference Mat. 26:32; Mar. 14:28
  4. Cross-reference HuE. 1:8

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.