Skip to content
BibleKenya

Wongeela Maarqoosii

Mark

Introduction from this edition

Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii

Ka Maarqoos Barreesse

Seensa

Wongeelli Maarqoosii, «Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana» jedhiisaan jalqaba. Oduu Gammadaa tana keessatti Yesuus nama huji'iitii fi nama baallii qabu te'ee dhikaateera. Baalliin isaalle: Barsiisa isaatiin, durriisota irratti hunna qabuu fi cubbuu namaatiif araara kenniisaan mudhatteerti. Yesuus, «Kolbaa garbooma cubbu'uu jalaa bilisa baasiisaaf jiruu tiyya wodoo godhee kenniisaaf ka dhufe ani Ilma Namaa ti» jedhee ifumaafuu dubbateera.

Maarqoos dabarsii Yesuusii dubbi'ii fi barsiisa isaa irratti adoo hin te'in irra caalaa hujii bilbaasaa ka inni huje irratti xiyyeeffatee, karaa qajeela'aa fi jaba'aan dhikeesse. Marroo dabarsii Yohaannisii cuupha'aa, marroo cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii, seensa gabaabaa kenneen duuba, marroo barsiisiisaa fi dhibee irraa fayyisiisa Yesuusii badhinnaan barreesseera. Yenna'aan duuba hordofattooti Yesuusii akkuma irraa caalaa Yesuus beekaa deemaneen, worri Yesuus falmulle irra caalaa isa jibbaa deeme. Fooroti dhumaa, torbaan dhumaa keessatti, jiruu Yesuusiititti waan muummowe, keessattuu marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa dubbata.

Dhuma Wongeelaa irratti dalleya keessatti ka dhikaate yaadi lamaan barreeffama durii garii keessa calla'atti dhaggama.

Haadhoo Dubbi'ii

Jalqaba Wongeelaa

Huji Yesuus Galiilaa keessatti huje

Yesuus Galiila'aa gara Yerusaalemii dhaqe

Yesuus torbaan dhumaa Yerusaalemii fi adaala isi'iititti

Du'aa ka'iisa Yesuusii

Mudhatiisaa fi ol bayiisa Goottaa du'aa ka'ee

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.