Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa
Jeremiah
Introduction from this edition
Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa
Seensa
Ermiyaasiin raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura haga dhuma jaarraa torbeesso'ootii fi jalqaba jaarraa jayeesso'oo le'e. Ermiyaas tajaajila woggaa dheera'aa kana keessatti, sababa kolbaan waaqota dharaa waaqonfattee fi sababa cubbuu isaaniitiif badiin jadduun kolbaa Waaqaa akka dhaqqaddu ifi eeggachiise. Inni raaga hedduu dubbate keessaa ka asii gad jiranu bara le'ii ifii keessatti muummowanuun dhaggeera. Mootiin baabilonii Nebukadnezaar Yerusaalem qabatee, qacha'aa fi Galma Waaqaa akka diigu, mootiin Yihuda'aalle kolbaa bacaa woliin booji'amee gara Baabilonii akka fudhatamu Ermiyaas dhaggeera. Kolbaan Israa'elii boojuu irraa akka deebituu fi mootummaan Israa'elii adde'etti akka deebitu raageera.
Kitaab Ermiyaasii raagichaa addee afuritti qoodamuu dande'a. (1) Bara mootummaa Yosiyaasii, Yehoyaaqiimii, Yehoyaakiiniitii fi Zedeqiiya'aa, jecha Waaqaa ka gara kolbaa Yihuda'aatii fi bulchitoota isaanii dhufe. (2) Raaga adda addaa, waan jiruu Ermiyaasii irratti muummowee fi barreeffama yaadannoo Baarokii barreessaa Ermiyaasii irraa dhaggame. (3) Ergaa Waaqaa ta gosa biyya adda addaa ta ormaatiif dabarte. (4) Dabarsii marroo qabamiisa Yerusaalemiitii fi marroo kolbaa booji'antee gara Baabilonii fudhatantee. Ermiyaas nama guddoo kolbaa jaalatuu fi isaan irratti muraa badi'ii dabarsiisa nama akka malee jibbu. Akka inni raagaa te'ee tajaajiluuf, Waaqi waan isa waameef, inni waan itti rakkatee gadde kitaaba kana keessatti addee baca'atti dubbateera. Jechi Mootii Waan Maraa gadhaa isaa keessatti akka ibiddaa waan te'eef, dhossee hamburatiisa hin dandeenne.
Kitaaba kana keessatti dubbii raagaa gugurdoo barreeffante keessaa gariin, bara Ermiyaasii ka rakkoo itti bacatte irra dabartee, gondooroon haaretti Waaqi isaan woliin godhe yennaa muummottu ta mudhittu. Gondooroon haaretti gadhaa kolba'aa keessatti waan barreeffantuuf, barsiisaan isaan qaabachiisu adoo hin jiraatin hin eegatan (31:31-34).
Haadhoo Dubbi'ii
Waamamiisa Ermiyaasii
Waaqi Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii akka adabu
Ermiyaasii raagota dharaa morme
Waaqi kolbaa ifii gara lafa isaaniititti hin deebisa
Tajaajila Ermiyaasii ka adda addaa
Jinnana Yerusaalemiitii fi waan Yihudaa irratti te'e
Ermiyaas lafa Gibxi'ii keessatti
Ergaa Baarookiif ergante
Raaga raagichi kolbaa gosa biyya adda addaa irratti raage
Jinnana Yerusaalemii
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.