Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 47

Ergaa Marroo Biyya Filisxeemotaa

Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira:

«Lolaa jabaa hin te'a;

lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara

qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla.

Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti;

namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan.

Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii fi

garreettaa diinaa,

sababa kokokkeessa korbo'ootiif,

abbootiin hunna waan dadhadduuf,

ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu.

Filisxeemota mara balleessiisaaf,

worra hafee isaan qarqaaru mara,

Xiiroosii fi Sidoon keessaa

guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera;

worra Filisxeemotaa ka hafane,

ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane,

ani balleessiisaaf ka'eera.

Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan;

kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti.

Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane

haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan?

«Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa!

Ati yoom foorfatta?

Gonofaa keetitti deebi'iitii

cadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan.

Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya

qachaa Ashiqaloniitii fi

worra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje,

attam foorfata ree?» jedhe.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.