Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 45

Waadaa Waaqi Baaruukiif Gale

Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Neriiya'aa Baaruk waan Ermiyaas afaaniin isatti himuun inni kitaaba maramaa irratti barreesseen duuba, dubbiin Ermiyaas Baarukitti dubbate ta asii gad jirtu: Ee Baaruk, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ati, ‹Mootiin Waan Maraa miidhama kiyya irratti gadda waan dabaleef naaf aanne'e; ani aadiisaan dadhabee foora dhabeera› jetteerta.

«Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Lafa Yihuda'aa mara irratti waan ijaare hin diiga; waan dhaabe hin buqqisa. Ati waan guddoo ifiif halchitaa? Lakkii, ani nama mara irratti badii waan fiduuf, tana hin halchin. Addee dhaxxe maratti ammoo akka ati hin duune hin godha› jedha» jedhe.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.