Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 15

Ergaa Marroo Mo'aabii

Ergaan marroo Mo'aabii ta asii gad jirtu;

Qachaan Aarii ka Mo'aab keessaa halkan tokkotti diigamee bade; qachaan Qiirii ka Mo'aab keessaalle halkan tokkotti diigamee bade. Kolbaan qachaa Diibonii bowiisaaf gara galma ifii gara addee waaqonfanna'aa ol baati. Kolbaan Mo'aabii duudiin marroo qachaa Nebo'ootii fi Medeba'aa guddoo gadditee, mataa ifii haadattee areeda ifii murattee bootti. Isaan woyaa gaddaa uffatanee karaa irra deeman; heellichoo mana ifii irratti, badhinnalle'etti bowaa imimmaan dhangalaasan. Kolbaan qachaa Heshibooniitii fi Ele'aale hin iyyiti; qoonqoon iyya isaaniille haga qachaa Yaahasiititti hin dhage'anti; tanaaf loltooti Mo'aabii hin iyyiti; gadhaan isi'iille soda'aan hin raafama. Gadhaan kiyya qachaa Mo'aabiitiif hin bowa; kolbaan achi keessaa gara qachaa Zo'aariitii fi gara Eglaat-Shelshiiya'aatitti hin baqatti; isaan bowaa gara Luhii ol hin bayan; karaa Horonaayimii irralle'etti marroo badii isaaniitiif gaddaa hin iyyan. Bisaan Niimriimii hin goga; marrille hin qoora; biqiltuun baddee wonni bisileen tokkolle hin jiraatu. Tanaaf isaan karra horatanee fi waan wolitti qabatane ba'atanee laga olaati'iitiin gamatti hin buufatan. Iyyi isaanii haga meessaa Mo'aabiititti hin dhage'anti; wiiccifatiisi isaanii haga qachaa Eglaayimii, gaddi isaaniille haga qachaa Be'er-Eliimii hin dhaqqaba. Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.