Daani'elii Raagichaa
Daniel
Introduction from this edition
Kitaaba Daani'elii Raagichaa
Seensa
Kitaab Daani'elii Raagichaa bara Yihudooti bulchaa mooticha worra Yihudoota hin te'inii jalatti yennaa ariisa'aa fi miidha'aan guddoo rakkatiisatti jiranu barreeffame. Barreessaan dabarsi'ii fi waan mudhi'iin dhaggameen, akka Waaqi bulchaa isaan cunqursu balleessee, baallii kolbaa ifii adde'etti deebisu kolbaa yennaa sanii addi'iin jajjabeessa.
Kitaabichi kutaa gugurdoo lama qaba (1) Daani'el fi worri diqqaan isa woliin booji'ameeru, dhugeeffannaa jadduu Waaqa irratti qabanuu fi ajajamiisa isaaf qabanuun diinni isaanii akka fokkifate dabarsii dubbattu; dabarsiin tun bara mootummaa mootii mootota Baabiloniitii fi Faaresii muummeffante. (2) Mudhiin Daani'el dhagge ta adda addaa yoo teetu, isaanille mootummaa mootii moototaa ta Baabilonii irraa jalqabee mootummaan mootii moototaa ta adda addaa kakka'aa akka jiganuu fi bulchaan ka Yihudootaa hin te'in balleeffamee, kolbaan Waaqaa addee duriititti akka deebitu fakki'iin ka mudhatane.
Haadhoo Dubbi'ii
Daani'elii fi Jaalota isaa
Oojjuu Mooticha Nebukadnezaarii
Waaqi Sidiraaqi, Misaaqii fi Abidnaagoo ibidda bobe'u keessatti eege
Nebukadnezaar woggaa torbaaf mootummaa ifii dhabe
Mooticha Belshaazaarii fi barreeffama dhaaba manaa irraa
Waaqi afaan neenqaa keessaa Daani'el hambure
Daani'el bineensota afur mudhi'iin dhagge
Mudhii Daani'el dhagge ta korbeessa hoole'eetii fi re'e'ee
Daani'el kolba'aaf daadimate
Ergamaa Waaqaa ka Daani'el laga Xeegrosii biratti dhagge
Marroo bara muumme'ee
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.