Skip to content
BibleKenya

Worra Qolosaayisii

Colossians

Introduction from this edition

Ergaa Phawuloos Gara

Worra Qolosaayisii

Erge

Seensa

Ergaan tun wolde'a kiristaanaa ka qachaa Qolosaayisii keessa jiruuf barreeffante; Qolosaayisii ardii Asiyaa diqqaa keessatti qachaa Efesooniitiin gara baya adu'uutitti dhaggama. Wolde'i kiristaanaa kun Phawuloosiin ijaaramuu dhabulle, Efesoonii qachaa guddicha Asiya'aa, ka bulchiinsa Rooma'aa jala jiru irraa ergantoota Wongeelaa waan bobbaaseeruuf, Qolosaayisiifille itti gaafatamummaa qabaayyu. Wolde'a kiristaana Qolosaayisii keessa barsiisoti dharaameyyiin, «Waaqa beekiisaa fi fayyinna guutuu dhaggatiisaaf nami tokko tokkonuu hunnootaa fi baallota ayyaanaatiif sagaduu qaba» jedhanu akka jiranu Phawuloos dhage'eera. Wonni barsiisoti tun jettu ta biraa, «Nami tokko tokkonuu waan akka haqanqabaa qabatiisaatii fi seera sagale'eetii fi waan biraa eegatuu qaba» jetti.

Phawuloos ergaa kiristaanaa dhugicha dhikeessiisaan, barumsa isaanii dharicha mormiisaaf ergaa tana barreesse. Deebiin inni dhikeesse keessaa gugurdoon, «Yesuus Kiristoos fayyinna guutuu kenna; dhugeeffanna'aa fi hujiin dhibiin tun isa irraa fageessiti» ka jedhu. Waaqi Kiristoosiin biyya lafaa dade; karuma isaatiin gara ifii deebisee fida; biyyi lafaa Kiristoositti gadha'aan dhugeeffatiisa qofaan addii fayyiisaa qabaatti; akka kanaan barumsi guddaan kun jiruu dhugeeffattootaa keessatti hujii irra ooliisaaf akka dande'u hubachiisa.

Ergaa tana Phawuloos irraa fuudhee, gara Qolosaayisii akka geessuuf, Tikiqoosii ergame woliin ka jiru Oneesimoos akka te'e ilaaluun bu'aa qabeessa. Phawuloos marroo garbicha Oneesimoos jedhamee kana kaasee, ergaa dhibii Filimoona'aaf barreesseera.

Haadhoo Dubbi'ii

Seensa

Akeekaa fi hujii Kiristoosii

Jiruu haareya karaa Kiristoosiitiin

Yaada buufataa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.