Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Amosii Raagichaa 6

Adabamiisa Israa'elii

Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu,

ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu,

worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf

gara keessan dhufanu,

isin qondaaltoti gosa

worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu

worri ifi seetanu

isiniif aanne'e!

Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a;

achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a;

achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa

gara qachaa Gaatii gad bu'a'a.

Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree?

Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree?

Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee,

bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan.

Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan;

taqee gaggabaadduu irra balxiixxan.

Hoolee keessaa foon buruusotaa,

loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan.

Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan;

akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan.

Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan;

fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee,

badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu.

Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan;

fexxeessi keessanii fi

dalaqiis1 keessan hin hafan.

Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee,

«Koora kolbaa Israa'elii jibbeera;

kushee isi'iille diqadheera;

tanaaf qachaa isaaniitii fi

waan qachaa keessa jiru mara

diinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera.

Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an. Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha.

Mootiin Waan Maraa waan ajajeef,

manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman;

manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an.

Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree?

Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree?

Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti,

hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane.

Isin worri qachaa, «Lodbaar2» jedhamu

qabatanee firinxiixxanu,

ka qachaa, «Karnaayim3» jedhamu

jabeenna keennaan fudhanne jettanu,

Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,

«Ee kolbaa Israa'elii,

ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa;

kolbaan sunille gara Kaabaatiin

seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee,

gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha.

Source notes (3)
  1. Footnote Dalaqiis: Yookiin bashannaniis yookiin ashalaqiis
  2. Footnote Lobdaar: Afaan Ibrootaatiin Waan bu'aa hin qanne jechu'u.
  3. Footnote Karnaayim: Afaan Ibrootaatiin Gaafa jechu'u.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.