Skip to content
BibleKenya

2 Saamu'elii

2 Samuel

Introduction from this edition

Kitaaba Saamu'elii Ka Lammeesso'oo

Seensa

Kitaab Saamu'elii ka lammeesso'oo kitaaba Saamu'elii ka qaraatitti aanee, Daawiti duraan dursee gara kibbaatiin mootii Yihuda'aa (foora 1-4), duuba irra Israa'eloota gara kaabaa dabalatee kolbaa mara irratti mootii te'ee akka bulche dabarsii hintu (Foora 5-24). Kitaab kun Daawiti mootummaa ifii badhifatiisaa fi baallii ifii jabeeffatiisaaf, diinota ifii ka keessaatii fi ka alaa woliin attam akka wol lole miidhassee hima. Daawiti nama addii jadduu qabuu fi nama Waaqa jaalatu, kolbaa ifiitiifille nama addatamummaa qabu akka te'e himameera. Akkasuma yennaa tokko tokko hujii gadhi-jabeennaa nama hujuu fi fedhii yaada ifii muummeffatiisaaf cubbuu guddoo akka huje himameera. Te'uu malee raagichi Mootii Waan Maraa Naataan gara isaa dhaqee cubbuu isaa yennaa isatti beessise, inni cubbuu ifii faaci'atee adabbii Waaqi isatti erge fudhateera.

Jiruun Daawitiitii fi hujiin inni huje kolbaa Israa'elii guddoo waan gammachiitteef, bara hedduu Daawitiin duuba dhufe keessatti rakkinni yennaa kolbaa Israa'elii dhaqqabu mara, mootii dhibii yennaa fedhanu, ilma Daawitii yookiin sanyii Daawitii ka te'ee fi nama akka Daawitii bulchu dhaggatiisaaf fedhaniiyyu.

Haadhoo Dubbi'ii

Daawiti Yihudaa Irratti Mootii Te'e

Daawiti Israa'el Mara Irratti Mootii Te'e

Woggoota Jalqabaa

Daawitii Fi Baat-Sheebaa

Rakkinnaa Fi Gaargala

Woggoota Dhumaa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.