Skip to content
BibleKenya

1 Moototaa

1 Kings

Introduction from this edition

Kitaaba Moototaa Ka Qaraa

Seensa

Kitaab moototaa ka qaraa, dabarsii bulchiinsa mootota Israa'elootaa ka kitaabota Saamu'elii keessatti jalqabamee jirutti aansee odeessa. Kitaab moototaa ka qaraa kutaa saditti qoodamuu dande'a. 1. Solomoon addee abbaa ifii bu'ee mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka te'ee fi marroo du'a abbaa isaa Daawitii odeessa. 2. Bulchiinsa mootummaa Solomooniitii fi hujii inni huje, keessattuu ijaarsa Galma Yerusaalem keessatti ijaarametti irra caalaa beekkama.

3. Biyyi Israa'elii mootummaa kaabaatii fi kibbaatitti akka qoodantee fi dabarsii mootota dhaloota Kiristoosiitiin dura haga wodhakkaa jaarraa sagaleesso'oo sooressitee odeessa.

Kitaaba moototaa ka qaraatii fi ka lammeesso'oo keessatti sooressaan tokko tokkooyyuu akka addatamummaa Waaqaaf qabuun mura; guddinnii fi mijayiisi haala biyyaalle addatamummuma tanuma irratti hundootti. Karaa biraatiin waaqota dharaa waaqonfatiisii fi ajajama dhabiis sooressitootaa fi kolbaa gara badi'ii qajeelcheera. Moototi mootummaa kaabaa duudiin haga ilaallatamaan jiganeeran; dabarsiin mootota Yihuda'aa ammoo marroo namoota hamootaatii fi qajeelotaa odeessiti.

Kitaaba moototaa ka qaraa keessatti irra caalaa ka beekkame raagota Mootii Waan Maraa, worra jajjabaa addee Waaqaa bu'ee jecha Waaqaa dubbatu, kolbaan waaqota dharaa akka hin waaqonsinee fi Waaqaaf ajajamiisa akka hin didanne worra ifi eeggachiisu. Isaan keessaa ka beekkame Eliyaasii fi dabarsiin inni wol morkii hayyoota Ba'aalii woliin godhe (Foora 18).

Haadhoo Dubbi'ii

Muummee Bara Bulchiinsa Daawitii

Solomoon mootii te'e

Bara Bulchiinsa Solomoonii

Woggoota Qaraa

Galmi Waaqaa ijaarame

Woggoota Duubaa

Mootummaa Gargar Qoqoodante

Finqila Gosoota Kaabaa

Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii

Raagicha Eliyaas

Ahaabii mootii Israa'elii

Iyoosaafixii mootii Yihuda'aatii fi Ahaazii mootii Israa'elii

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.