Kitaaba Woyyuu
Zakaariyaasii Raagichaa 13
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama1. Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa. Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan. Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu. Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha. Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.
Tisseen Dhowame, Hooleen Bittinnootte
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a!
«Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i!
Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi!
Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha.
Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa,
harki lama dhowamee hin bada;
teetuu malee harka sad keessaa,
harki tokko hin hafa.
Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa;
akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu,
isaan hin qulleessa;
akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu,
isaan haga hin ilaala.
Isaan maqaa kiyya hin waaman
anille isaaniif hin dhage'a.
Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha;
isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa
Waaqa keenna› hin jedhan» jedha.
Source notes (1)
- Footnote Hin banama: Yookiin hin madda yookiin hin burqa jedhamuu dande'a.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.