Zakaariyaasii Raagichaa
Zechariah
Introduction from this edition
Kitaaba Zakaariyaasii Raagichaa
Seensa
Kitaab Zakaariyaasii raagichaa kutaa lamatti qoodameera: 1. Foora 1-8 ka jiru dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi diddamaa haga woggaa dhibba shanii fi kudhanii saddeetiititti, yennaa adda addaa keessatti raaga Zakaariyaas raage ka qabateeru. Raagoti kun irra caalaa akka mudhi'iititti ka dhikaatane te'anee, waan haareffamiisa Yerusaalemii, waan deebifamee ijaaramiisa Galma Waaqaa, waan qulqulloomiisa kolbaa Waaqaatii fi waan bara Masiihii gara duraa dhufu'uu jiruu dubbata. 2. Foora 9-14 ka jiru ergaa marroo Masiihii gara duraa dhufu'uu jiruutii fi marroo muraa muumme'ee dubbata.
Haadhoo Dubbi'ii
Ergaa ifi eeggachiisiisaatii fi addi'ii
Muraa kolbaa ollaa Israa'elii irratti murantu
Mooticha gara duraa dhufuu fi nageya gara duraa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.