Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Tiitoos 1

Ani Phawuloos tajaajilaan Waaqaatii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, dhugeeffannaa worra Waaqaa filameetii fi beekkumsa dhuga'aa ka gara nama Waaqaa te'iisaatitti geessu akka beekanuuf ka erge, dhugeeffanna'aa fi beekkumsi kun, addii jiruu bara baraa, ka Waaqi dhara hin dubbanne, jalqaba baraatiin dura kenne irratti ta hundootte. Yennaan inni murteesse geennaan, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatiin karaa lallaba maganne'een natti kennameetiin, Jecha ifii mudhiseera.

Karaa dhugeeffannaa woliin qannuun, dhugumaan ilma kiyya ka teete Tiitoos,

Waaqi Abbaan, fayyisaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya sii kennu.1

Tiitoos Oddoola Qarxeesii Keessatti Huje

Wonni ani oddoola Qarxeesii keessatti si lakkiseef, waan karaa hin qabatin hafe akka karaa qassiittuu fi akkuma ani si ajaje qachaa duudii keessatti jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka filtuufi. Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba. Toowataan2 wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaru, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljolu te'uu hin qabu. Nama keessummaa fudhatu, nama waan dansaa jaalatu, nama ifi qabatu, nama qajeelaa, nama woyyichaa3 fi nama adaba qabu te'uu qaba. Worra dhibii barumsa sirrii te'een jajjabeessiisaa fi dokonkora worra moromuu mudhisiisaaf akka dande'u akkuma baratetti ergaa addatantuu jabeessee qabatuu qaba.4

Namooti hedduun worri hin ajajane, worri jecha midhaan hin qanne dubbatee nama wollaalchisu, keessattuu worri worra Yihudootaa5 keessaa dhugeeffate jira. Isaan bu'aa fokkisiisu dhaggatiisaaf jedhanee, waan barsiisiisaaf hin malle barsiisaa, maatii duudii waan laambubanuuf, haasowa isaan kutiisa barbaachisa. Isaanuma keessaa, raagichi isaanii tokkoo, «Worri Qarxeesii yennaa maraa dharaameyyii, bineensota hama'aa fi booseyyii gadhito'o» jedheera. Ragaan kun dhuga'a. Tanaaf, akka isaan dhugeeffannaa sirrii teete qabaatanu, jabeessi isaan xixi; haganaa achille isaan oduu Yihudootaa ta durii, yookiin ajaja worra dhugaa irraa fagaatee akka hin caqanne godhi. Worra qullowaneef wonni marti qullu'u; worra batti'ii fi worra hin dhugeeffanneef ammoo, waan qalbii fi yaadi gadhaa isaanii battoweeruuf, wonni takkaalle qullu'uu moti. Isaan Waaqa hin beenna jedhan, hujii ifiitiin ammoo isa mormatan. Isaan worra jibbama'aa fi worra hin ajajanne, worra waan dansaa tokkolle hujiisaaf hin dandeenne.

Source notes (5)
  1. Cross-reference 2 Qor. 8:23; Gal. 2:3; 2 Xim. 4:10
  2. Footnote Toowataan: Afaan Giriikiitiin Ephes Qophos jedhama
  3. Footnote Nama woyyicha: Nama Waaqaaf ifi kenneeru
  4. Cross-reference 1 Xim. 3:2-7
  5. Footnote Worra Yihudootaa: Golii worra haqanqabaa qabatuu

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.