Tiitoos
Titus
Introduction from this edition
Ergaa Phawuloos
Gara Tiitoosii Erge
Seensa
Tiitoos worra Yihudoota hin te'in keessaa nama gara kiristaanumma'aa deebi'eeru; inni ergaa Phawuloosii ta Wongeelaa, isa woliin ka huju qarqaaraa isaa ti. Phawuloos ergaa tana qarqaarticha ifii Tiitoosii woggaan isaa diqqo'ootiif barreesse. Yennaa san Tiitoos hujii wolde'a kiristaanaa toowataa, biyya Qarxeesii keessa jiraayyu. Ergaan tun yaada gugurdaa sad ifi keessaa qaddi.
Taakkeessoo, sooreyyiin wolde'a kiristaanaa irra caalaa amala badaa worra Qarxeesii biratti yennaa ilaallamu, amala attamii qabaatiisaaf akka malane Tiitoos qaabachiiseera. Lammeessoo, worra wolde'a kiristaanaa keessatti dhaggamu golii adda addaa, jaarsa, jaartii, dargaggoota dhiiraatii fi dubarti'ii, akkasuma tajaajiltoota attamiin akka barsiisu gorsi kennameera. Muummee irratti marroo amala Kiristaanaa keessattuu nageyaa fi lansumma'aan akka jiraattu, wolde'a kiristaanaa keessaa jibbansa, moroma'aa fi wol fojiisa marroo balleessiisaa gorsaa fi akeettiin Tiitoositti kennanteerti.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa
Sooreyyii wolde'a kiristaanaa
Wolde'a kiristaanaa keessatti qooda hujii golii adda addaa
Gorsaa fi ifi eegannoo
Yaada Buufataa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.