Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Mudhii Yohaannisii 11

Dhugaa Baatota Lama

Achiin duuba uleen ittiin mikanu1 ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow. Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan. Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame. Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama. Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman. Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban.

Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan2 boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa. Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu3 Sodoom yookiin Gibxi jedhantu. Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e. Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan. Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe. Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane. Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.4

Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti.

Tultullaa Torbeesso'oo

Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii5 isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante.

Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,

«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,

ka ammaa fi durille jirtu,

hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef,

si galateeffanna.

Worri Yihudoota hin te'in mufate;

mufiin teetille dhutte.

Yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette;

yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi

worri si'iif woyyoome,

worri maqaa keeti ulfeessu

worri didiqqa'aa fi worri gugurdaan,

gatii ifii dhaggatanu geette.

Yennaan worra lafa balleesse,

balleessitulle geette» jedhane.

Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo6 isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.7

Source notes (7)
  1. Footnote Mikanu: Hagam akka dheeratuu fi badhatu ittiin ilaalanu, yookiin likkanu
  2. Footnote Bineensi hamaan: Doobbaan yookiin bineensi Iyyaa fakkaatu
  3. Footnote Yennaa fakkeennaan dubbatanu: Yookiin ila ayyaanaatiin ilaalamu
  4. Cross-reference Mudh. 6:12; 16:18
  5. Footnote Kiristoosii: Masiihii
  6. Footnote Saanduqi Gondooroo: Amaariffaan, «Taabota»
  7. Cross-reference Mudh. 8:5; 16:18; 21

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.