Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 98

Abbaa Mura'aa Ka Biyya Lafaa Leellisa'a

Faaruu

Inni hujii maade'ee waan hujeef,

faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;

inni harka ifii middichaa fi

irree ifii woyyitti'iin injifateera.

Mootiin Waan Maraa

fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera;

balchummaa ifiille

gosa biyya adda addaatitti mudhiseera.

Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi

addatamummaa ifii

mana Israa'eliitiif yaadateera;

worri qaccee lafaa jiru marti

fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran.

Kolbaan lafa irraa marti

Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a;

gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a.

Qoonqoo kiraara guddichaatiin

kiraaraa guddichaa fi faaru'uun

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa,

Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a.

Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti,

biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti

shookkisanuu ti.

Lagooti harka dhowanuu ti;

gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti.

Mootiin Waan Maraa

kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf,

isa duratti faarfatanuu ti.

Inni biyya lafaatitti balchumma'aan,

kolbaa maratti haqaan hin mura.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.