Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 97
Waaqa Bulchaa Ol Aanaa
Mootiin Waan Maraa mooti'i!
Latti gammadduu ti;
isin worri oddoola abbaaya'aa
keessa jirtanulle gammada'a.
Duumensii fi dukkanti dimmi
isa marsaneeran;
balchumma'aa fi haqi
hundee mootummaa isaa ti.
Ibiddi dura isaa ideemaa,
diinota isa marsaneeranu mara guba.
Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti;
lattille dhaggitee rommiti.
Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti,
gaarri akka gaga'aa hin baqa.
Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti;
kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti.
Worri fakkii waaqonfatu,
ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti
hin fokkifatan;
waaqoti marti isaaf jilbiiffatan.
Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii
worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan;
kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati lafa mara irratti Ol Aana'a;
ati waaqota mara caalta.
Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,
waan hantuu jibbuu ti;
inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf,
harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa.
Ifi worra balcha'aaf,
gammaddi worra qajeela'aaf baya.
Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a;
maqaa isaa woyyicha leellisa'a.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.