Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 67

Faaruu Leellisaa

Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif.

Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti;

fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.

Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti,

fayyisiis keeti

gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.

Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;

kolbaan marti si leellittuu ti.

Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf,

gosa biyya adda addaa waan sooressituuf,

gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.

Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;

kolbaan marti si leellittuu ti.

Latti midhaan baatteerti;

Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.

Waaqi nu hin eebbisa;

kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.