Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 66

Faaruu Leellisaatii Fi Galataa

Faaruu, sooressa faarfattootaatiif.

Biyyi lafaa duudiin,

Waaqaaf gammadaa ilillisa'a.

Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a;

leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a.

Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa!

Hunni teeti guddoo waan teeteef,

diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan.

Worri lafa irra jiru marti sii sagadan;

isaan faaru'uun si leellisan;

maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a.

Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a;

inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera.

Inni abbaayaa gargar kutee,

kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra

laga Yordaanosii gamatti buute;

nuutille waan inni godheen gammanne.

Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha;

ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi.

Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in.

Ee, gosi biyya adda addaa

Waaqa keenna leellisa'a;

qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a.

Inni jiru'uun nu eegee,

miila keennalle akka hin mucucaanne godheera.

Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta;

akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu,

ati nu dhimbiidde.

Ati tiyyoo keessa nu galchite;

ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette.

Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote;

ibiddaa fi bisaan keessa dabarre;

amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache.

Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena;

waan waadaa gale si'iif hin muummessa.

Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru

arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate.

Ciincaa horii cocoomaatii fi

ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa;

korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna.

Isin worri Waaqa sodaattanu marti,

kowa'aa dhage'a'a;

ani waan Waaqi naaf godhe hin hima.

Ani guddisee gara isaa iyye;

arraba kiyyaan isa saade.

Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti

adoo dhoffadhee jiraadhee,

Goottaan silaa na hin caqasuuyyu.

Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera;

qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera.

Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif,

yookiin jaalala ifii ka bara baraa

waan na irraa hin fudhatiniif,

Waaqi leellifamuu ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.