Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 38
Daadimata Yennaa Rakkinnaa
Faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.
Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;
mufi'iin na hin adabin.
Daayi keeti na woraaneera;
harki keeti gad na qabe.
Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera;
sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu.
Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti;
isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti.
Sababa gowwummaa tiyyaatiif,
madaan tiyya shantee ajootti.
Ani gad jedhee, guddoo gugguufe;
guyyaa guutuu bowaa daaqe.
Hidhi kiyya waan na o'eef,
nafi kiyya fayyaa hin qabu.
Ani dadhabee, ijjumaa bututeera;
gadhaan waan na raafameef aada.
Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta;
aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.
Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti;
ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti.
Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya
sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane;
firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane.
Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan;
worri na miidhiisaaf barbaadu
na balleessiisaaf mari'atan;
isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan.
Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u;
akka nama afaan duudee, hin dubbadhu.
Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee,
akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani ammoo addi'iin si eegadha;
Ee Goottaa Waaqa kiyya,
atille deebii naaf hin kennita.
Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru,
akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe.
Ani jiguu geyeera;
yennaa mara ani dhibee woliin jira.
Yakkaa tiyya hin faaci'adha;
cubbuu tiyyaaf gadda.
Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a;
worri sababa malee na jibbu heddu'u.
Yennaa ani waan dansaa huju
waan hantuu naaf deebisan;
yennaa ani waan dansaa hordofu
isaan na morman.
Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin;
Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin.
Ee Goottaa fayyisaa kiyya,
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.