Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 30

Daadimata Galataa

Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante.

Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee,

diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef,

ani guddisee si galateeffadha.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee,

atille na fayyitteerta.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta;

akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.

Isin worri isaaf addatantane,

Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a;

maqaa isaa woyyichalle,

galateessa'a.

Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;

tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara.

Halkan bowaa yoo bulane,

ganama ammoo ililleessi hin te'a.

Yennaa natti tole, ani ifiin,

«Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe.

Ee Mootii Waan Maraa,

arnya keetiin,

akka gaara jabaa tokkoo na goote;

yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo

guddoo sodaadhe.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani si waammadhee,

akka na marartuuf si gaafadhee,

«Du'a tiyya irraa maan dhaggatta?

Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan?

Worri du'eeru si hin leellisaa?

Isaan addatamummaa teeti hin himanii?

Mootii Waan Maraa,

naa dhage'i; naa marari;

Mootii Waan Maraa,

na qarqaar» jedhe.

Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte;

woyaa gaddaa na irraa fuutee,

gammada natti uffitte.

Yoona, ani hin cadhisu;

faaru'uun si leellisa.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani haga bara baraa si galateessa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.