Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 29

Hunna Mootii Waan Maraa

Faaruu Daawitii.

Isin ergantooti Waaqaa,

ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Ulfinna maqaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa leellisa'a;

Arnya woyyummaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

abbaayaa guddittii irraa dhage'anti;

Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa

abbaayaa irraa mandi'a.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i;

qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

hindheensa caccassiti;

Mootiin Waan Maraa

hindheensa Libaanoniituu hin caccassa.

Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii,

gaara Siiriyoniille1

akka ilmee gafarsaa hin burraassisa.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

balaqqeettii balaqqitti.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

goomolee tachootti;

Mootiin Waan Maraa

goomolee Qaadeshii hin tachoosa.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

qilxaan akka hargufamu gooti;

baala muka badda'aa hin harcaatti;

worri addee inni jiruu martinuu,

«Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan.

Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha;

Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha.

Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna;

nageyalle'een isaan eebbisa.

Source notes (1)
  1. Footnote Gaara Siiriyonii: Gaarri kun gaaruma Herimonii ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.