Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 24

Mooticha Guddaa

Faaruu Daawitii.

Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti

ka Mootii Waan Maraa ti;

biyyi lafaatii fi worri isii keessa le'u marti ka isaa ti.

Inni lafa hundee abbaaya'aa irra keye,

bisaan irra isii jabeessee dhaabe.

Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu?

Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu?

Nama harka qulqullu'uutii fi gadhaa qullu'uu,

ka waaqota dharaa hin waaqonfanne,

ka sobaan hin kakanne qofa.

Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba,

Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata.

Dhalooti isa barbaadu isaan kana;

ee Waaqa Yaaqoobii,

worri fuula keeti barbaadu isaanuma kana.

Mootiin ulfinnaa akka seenu,

Ee Karra, gara maraan banama'a!

Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!

Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?

Inni Mootii Waan Maraa jaba'aa fi janna;

inni Mootii Waan Maraa ka lolaan jaba'aa ti.

Mootiin ulfinnaa akka seenu,

Ee karra, gara maraan banama'a!

Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!

Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?

Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,

mootii ulfinnaa ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.