Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 23
Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa'a
Faaruu Daawitii.
Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;
ani womaa hin dhabu.
Inni marra bisilee keessatti
akka ani foorfadhu godha;
gara bisaan dansa'aa na geessa.
Inni jabeenna haareya naa kenna;
maqaa ifiitiif jedhee
daandii balchaa irra na sooressa.
Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Adoo diinoti kiyya dhagganuu,
ati nyaata naaf qopheessita.
Mataa kiyya zayitii ejersaa1 muudda;
muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati.
Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,
dansummaan teetii fi
marartiin teeti na gula deeman;
bara le'ii tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a.
Source notes (1)
- Footnote Zayitii ejersaa: Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu, Israa'elooti zayitii ejersaa iffatan.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.