Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 16

Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii.

Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,

ati na eegi.

Ani Mootii Waan Maraatiin,

«Ati Goottaa kiyya;

si'iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe.

Worri isaaf woyyoomee lafa irra le'u, ka ulfaate;

ani isaanitti gammada.

Worra waaqota dhibii waaqonfatu

gadda gudda'atti isaan dhaqqaba.

Ani waaqota dharaatiif

ciincaa dhiigaa hin dhikeessu;

afaan kiyyalle'een maqaa isaanii hin dhowu.

Ee Mootii Waan Maraa,

qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si'i.

Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira.

Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanu1

addee dansaa irra naaf buute;

dhugumaan ani lafa dansaa qaba.

Ani Mootii Waan Maraa

ka gorsa naaf kennu hin leellifadha.

Halkan keessalle

wodanaan kiyya ifi na eeggachiisa.

Mootiin Waan Maraa

fuula kiyya dura akka naaf jiru,

ani yennaa mara hin beeka.

Inni midda kiyya waan jiruuf,

ani hin raafamu.

Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada;

arrabi kiyya hin ilillisa;

nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata.

Ati addee worri du'e jirutti

waan na hin lakkinneef,

ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu.

Ati daandii jiru'uu natti hin mudhitta;

gammadi guutuun fuula keeti dura,

wonni haga bara baraa nama gammachiisu

harka keeti middicha keessa jira.

Source notes (1)
  1. Footnote Ittiin mikanu: Hagam akka dheeratu yookiin badhatu ittiin beekanu

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.