Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 15

Waan Waaqi Nama Irraa Barbaadu

Faaruu Daawitii.

Mootii Waan Maraa,

Dunkaanii Woyyittii teeti keessa

eentu jiraatiisa dande'a?

Kooba keeti woyyicha irra

eentu le'uu dande'a?

Worra komii hin qannee fi

ka waan balchaa te'e huju,

ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,

ka maqaa namaa hin balleessine,

ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye,

ka ollaa ifii hin hamanne.

Worra hamoolee ka tuffatu,

worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu.

Ta isa miitu teetelle

waan waadaa gale ka muummessu.

Beesee ifii dhala malee ka liqeessu;

worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf

safuu ka hin fudhanne.

Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.