Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 127

Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate

Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu

Mootiin Waan Maraa

mana yoo hin ijaarin,

worri mana ijaaru

akkasumaan itti elowan;

Mootiin Waan Maraa

qachaa yoo hin eegin,

eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan.

Mootiin Waan Maraa

worra jaalatuuf foora waan kennuuf,

bari'iin ka'iis,

turanee rafiis,

bu'aa hin qabu.

Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;

midhaan gadaamessaa,

eebba isaa ti.

Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu,

akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.

Nami ilmaan akka daayaa mana guutate

gammaduu ti;

diinota ifii woliin

karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme,

inni hin qaanowu.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.